[1] Mul'anni Waaqayyo gooftaan waa'ee biyya Edoomiif Obaadiiyaatti mul'ise kanatti fufee jira; ergamaan tokko gara saba biyya lafaa irra jiraniitti ergamee, “Ka'aa! Dhaqnee biyya Edoom in lollaa!” jechuuf akka jiru nuyi Waaqayyo irraa dhageenyeerra.
[2] Ammas Waaqayyo,“Kunoo, saba lafa irraa keessaa ati akka xinnaattu, raawwattees akka tuffatamtu nan godha;
[3] ati yaa isa mana kee iddoo ol jedhaa irratti ijaarrattee, yaa isa holqa dhagaa keessa jiraattuu, “Eenyutu lafatti gad na buusa?” jettuu, of tuulummaa garaa keetiitu si gowwoomse.
[4] Ati akka joobiraa yoo ol kaate iyyuu, mann'ee kees urjoota gidduutti yoo ijaarratte iyyuu, ani achii gad sin buusa” jedhee dubbateera.
[5] Hattuun yookiis saamtuun halkaniin mana kee dhufuun si balleessuudhaaf yoo ta'e iyyuu, hammuma barbaadan hatu mitii ree” Warri ija waynii ciratanis yoo dhufan, qarmii in hambisu mitii ree”
[6] Garuu attamitti qabeenyi Esaawuu fonqolfame, badhaadhummaan inni dhokfates attamitti akka jirutti saamame ree”
[7] Warri garee keetii hundinuu gara daariitti si in dhiibu, firoonni kees gowwoomsaadhaan si mo'u; firoonni kee warri amanamoon dhoksaatti kiyyoo si dura in kaa'u, “Inni immoo hin hubatu” siin jedhu.
[8] Guyyaa sanatti Waaqayyo, “Ani warra ogeessota Edoom keessaa, warra hubatoo tulluu Esaawuu irraa hin balleessuu ree?” jedhee dubbateera.
[9] “Yaa Temaan! Loltoonni kee in sodaachifamu, warri tulluu Esaawuu irra jiran hundinuus ajjeefamanii in dhumu.
[10] Obboleessa kee Yaaqoob irratti humnaan waan kaateef, in yeellaasifamta, bara baraanis in badda.
[11] Yommuu warri ormaa loltoota isaa booji'anii dallaa isaatti ol lixanii Yerusaalem irratti muka buufatan, atis akkuma warra kaanii isaanitti taatee, irraa fagaattee in dhaabatte.
[12] Guyyaa obboleessi kee rakkatutti isa tuffachuun, guyyaa badiisa namoota Yihudaatti, gammaduun, yeroo dhiphina isaaniittis isaanitti baanachuun siif hin ta'u ture!
[13] Guyyaa badiisi saba kootti dhufutti dallaa isaaniitti ol lixuun, guyyaa badiisa isaaniitti isaanitti ga'isuun, isaan saamuunis siif hin ta'u ture!
[14] Guyyaa dhiphina isaaniitti karaa qaxxaamuraa irra dhaabattee eegdee warra baqatanii ba'an rukuttee ajjeesuun, warra hafanis dabarsitee kennuun, siif hin ta'u ture!
[15] “Guyyaan ani Waaqayyo saba hundumaatti faradu dhi'aateera; akkuma ati nama irratti hojjette si irratti in hojjetama; hojiin kees mataa keetti in deebi'a.
[16] Akkuma sabni koo tulluu koo isa qullaa'aa irratti xoofoo dheekkamsaa keessaa dhugan akkasuma immoo sabni hundinuu utuu wal irraa hin kutin isa in dhugu; isaan qodaa isaa keessaa xuruurfatanii in dhugu, akka waan hin jirrees in ta'u.
[17] Warri hafan garuu tulluu Xiyoon irra in jiraatu, tullichis qulqullaa'aa in ta'a; sanyiin Yaaqoob immoo warra lafa isaanii fi qabeenya isaanii isaan irraa fudhatee harkaa deebisanii in fudhatu.
[18] Yommus egaa sanyiin Yaaqoob ibidda, sanyiin Yoseefis barbadaa itti ta'anii, sanyii Esaawuu isa akka habaqii gubanii in fixu; sanyii Esaawuu keessaa kan oolu tokko illee hin jiru” jedhee dubbateera.
[19] Warri biyya gara mirgaa tulluu Esaawuu, warri gaara jala jiraatan immoo biyya Filiisxiyaa in qabatu; isaan Samaariyaadhaa fi lafa sanyii Efreem in qabatu, sanyiin Benyaamiin immoo Giil'aadin in qabatu.
[20] Loltoonni Israa'el warri booji'amanii turan biyya Kana'aan hamma Zaarefaatitti in qabatu; warri Yerusaalemii booji'amanii Sefaaraad jiran immoo mandaroota biyya gara mirgaa keessa jiran in qabatu.
[21] warri isaan furan tulluu Xiyoon irratti ol ba'anii Esaawuutti in faradu; yommus mootummaan kan Waaqayyoo in ta'a.