[1] Waaqayyo,“Kunoo, bara sanatti, guyyaa sanattis Yihudaa fi Yerusaalem keessaa warra booji'aman yommuun deebisu,
[2] saba lafa irraa hundumaa walitti qabee, dachaa Yoshaafaaxitti nan geessa; sababii isaan saba dhuunfaa koo, Israa'elin tamsaasanii, biyya koos hirmaataniif achitti isaanitti nan farada;
[3] isaan buufata mukaatiin saba koo hirmaatanii, ijoollee dhiiraa dubartii wajjin gaalamootaniif gatii kennanii, ijoollee durbaa immoo daadhii wayniitti gurguratanii ittiin in dhugan.
[4] “Amma isin warri Xiirosii fi Sidoon warri kutaawwan biyya Filiisxiyaa keessa jirtan hundinuu maal ana irraa qabdu” Wanta ani hojjedhe tokkoof ijaa ana baafachaa jirtuu ree” Yoo ijaa ana baafattu ta'eef, ani hojii keessan dafee ariitiidhaan mataa keessanitti nan deebisa;
[5] egaa isin meetii koo fi warqee koo akkasumas mi'a koo isa gati-jabeessa fudhattanii mana mootummaa isa kan keessanii keessa in kaa'attan.
[6] Namoota Yihudaa fi namoota Yerusaalem biyyaa baaftanii fageessuuf jettanii warra Griikotaatti isaan in gurgurtan.
[7] Kunoo ani iddoo isin isaan itti gurgurattan sanaa isin irratti isaan nan kaasa, hojii keessanis mataa keessanitti nan deebisa;
[8] ani ijoollee dhiiraa keessanii fi ijoollee durbaa keessan namoota Yihudaatti nan gurgura, isaan immoo dabarsanii namoota Saabaatti biyya fagootti isaan in gurguratu” jedhe; Waaqayyo kana dubbateera.
[9] Egaa saba lafa irraa waamaatii, “Lolaaf qophaa'aa! Loltootas dammaqsaa! Loltoonni hundinuu as dhi'aatanii haa rukutan!
[10] Maarashaa keessan billaa isaa, haamtuu keessanis eeboo isaa tumsiifadhaa! Inni dadhabaanis,“Ani jabaa dha!” haa jedhu!
[11] Isin sabni lafa irraa hundinuu iddoo hundumaatii walitti qabamaatii dafaa as kottaa!” jedhaa! Yaa Waaqayyo ati immoo loltuu kee gad ergi!
[12] Sabni lafa irraa ka'anii gara dachaa Yoshaafaax haa dhufan! Ani immoo achi taa'ee saba iddoo garaa garaatii dhufan hundumaatti nan farada;
[13] midhaanichi haamamuu ga'eera, egaa haamtuu keessan fuudhaatii ka'aa! Kottaa ija waynii sana irra ejjedhaa! Akka iji waynii walitti qabamee yommuu cuunfamu daadhiin isaa qodaa itti cuunfamu guutee irra dhangala'u, hamminni isaaniis akkasuma guddaa waan ta'eef isaan cuunfaa!
[14] Guyyaan Waaqayyo, dachaa firdii keessatti waa hojjetu waan dhi'aateef, namoonni baay'een, namoonni baay'ee danuun dachaa sanatti in yaa'u;
[15] aduunii fi ji'i in dukkanaa'u; urjoonnis ifa isaanii hin kennan.
[16] Waaqayyo Xiyoon keessaa in qaqawweessa'a, Yerusaalem keessaas sagalee isaa in dhageessisa; waaqnii fi lafti in raafamu, Waaqayyo garuu saba isaa ijoollee Israa'eliif iddoo baqaa fi masaraa in ta'a;
[17] kanaafis saba isaatiin, “Yommus ani Waaqayyo gooftaan keessan Xiyoon tulluu koo isa qulqullaa'aa irra akkan jiraadhu in beektu; Yerusaalemis qullooftuu in taati; sabni ormis deebi'ee ishee hin qabatu.
[18] “Guyyaa sanattis tulloonni daadhii haaraa in coccobsu, gaaronnis aannan in baasu; laga Yihudaa hundumaa keessas bishaan in yaa'a; bishaan mana qulqullummaa keessaa burqus dachaa Shiixiim in obaasa;
[19] sababii namoonni Gibxii fi namoonni Edoom namoota Yihudaa irratti humnaan ka'anii biyya isaanii keessatti dhiiga nama balleessaa hin qabnee dhangalaasaniif, biyyi Gibxii in onti, biyyi Edoomis ontee in barbadoofti.
[20] Biyya Yihudaa keessa bara baraan, Yerusaalem keessas dhalootaa hamma dhalootaatti namoonni in jiraatu;
[21] gumaa isan dur namoota Yihudaa fi namoota Yerusaalemiif hin baasin ture, amma nan baasaaf; kana booddee ani Waaqayyo Xiyoon keessa nan jiraadha” jedheera.