[1] Kadhanni Anbaaqom raajichi qooqa gaddaatiin kadhate kanatti fufee jira.
[2] Ani Anbaaqom,“Yaa Waaqayyo! Gocha beekamaa ati goote dhaga'eera, yaa gooftaa! Gochaa kee kana yommuun dhaga'u sodaachuutu anatti dhufa; mee bara keenya kanatti wanta akkasii deebisii hojjedhu, yeroo keenya kanattis akka isaan beekaman godhi! Yoo aarte iyyuu araara keetiin nu yaadadhu!” nan jedhe.
[3] Waaqayyo inni qulqulluun biyya Temaanii, tulluu Phaaraan irraa in dhufa; surraan isaa bantiiwwan waaqaa, galanni isaas biyya lafaa irra in guuta;
[4] ifni ulfina isaatiis akka ifa aduu ti, harka isaa isa humni isaa keessa dhokatee jiru keessaa balaqqeessi as in ba'a;
[5] dha'icha of dura in erga, dugda isaa duubaan immoo dhukkuba nama fixutu dhufa.
[6] Yommuu dhaabatu lafa in rom'isiisa, mil'uu ija isaatiinis saba lafa irraa in hollachiisa; tulloonni durii durii caccabanii in hurraa'u, gaaronni dur turanis lafatti in dabalamu; karaan inni irra adeemu garuu bara baraan in jiraata.
[7] Warri Kushaan rakkina keessa akka jiran, biyyi Miidiyaanis akka rom'ite nan arga.
[8] Yaa Waaqayyo! Ati lagootatti in aartee” Burqootattis in dheekkamtee” Yommuu fardeen kee yaabbatte, konkolaataa mo'umsa kee irras teesse, galaanotatti in aartee”
[9] Ati iddaa kee luqqifattee xiyya baay'ee in qopheeffatte; lafas lagootaan in tatarsaafte;
[10] tulloonni si arganii in hollattan, bokkaa yandoon in roobe, tuujjubnis huursee, dha'aan isaa ol in ka'e.
[11] Yommuu xiyyi kee isaanitti calaqqisee eeboon kee isaanitti ifu, aduunii fi ji'i, calluma jedhanii iddoo isaanii in dhaabatan.
[12] Ati dheekkamsaan lafa irra in adeemta, aariidhaanis saba lafa irraa in dhidhiitta;
[13] ati saba kee fayyisuudhaaf gad in baata, isa dibame sanas oolchuuf in dhufta; dura-buutuu warra jal'ootaa lafatti in rukutta, mataadhaa hamma miillaatti qullaatti in hambifta.
[14] Yommuu loltoonni isaa gargar nu facaasuudhaaf, warra rakkatoota dhokatanii jiranis fixuudhaaf humnaan ka'anitti, ati eeboodhuma isaatiin dura-buutuu isaanii in waraanta.
[15] Ati fardeen keetiin bishaan guddaa hoomacheessaa, galaana keessa karaa in baafatte.
[16] Kana dhaga'uu irraa kan ka'e garaan koo in raafama, sodaachuu irraa kan ka'e hidhiin koo in hollata, lafeen koo in bututa, miilli koos in gatantara; haa ta'u iyyuu malee, rakkina Waaqayyo warra nu dhiphisan irratti fiduuf jiru sana arguudhaaf calluma jedhee nan eeggadha;
[17] mukti harbuu yoo daraaruu dhabaate iyyuu, mukti waynii, mukti ejersaas yoo ija godhachuu dhabaatan iyyuu, maasiin midhaan yoo baasuu dhabaate iyyuu, hoolonni goorantoo keessa, saawwanis dallaa keessa yoo jiraachuu dhabaatan iyyuu,
[18] ani Waaqayyotti nan ililcha, Waaqayyo isa na fayyisutti nan gammada;
[19] Waaqayyo gooftaan jabina koo ti, inni akka borofaa collee akkan ta'u in godha, iddoo ol ka'aa irras ana in dhaabachiisa. (Geggeessituu warra faarfatootaaf; mi'a isa ribuu qabuun kan faarfatamu.)