[1] Yesuus ammas qarqara galaanichaatti barsiisuu jalqabe. Tuunni naannoo isaatti walitti qabame akka malee guddaa ture; utuu namoonni hundi qarqara galaanichaa irra afaan bishaanii jiranuu, inni bidiruu yaabbatee galaanicha irra achi hiiqee taaʼe.
[2] Fakkeenyaanis waan baayʼee isaan barsiise; barsiisa isaa keessattis akkana jedhe:
[3] “Mee dhagaʼaa! Kunoo, namichi sanyii facaasu tokko sanyii facaafachuu baʼe.
[4] Utuu inni facaasaa jiruus sanyiin tokko tokko karaa irra buʼe; simbirroonnis dhufanii nyaatanii fixan.
[5] Kaan immoo lafa kattaa, iddoo biyyoo baayʼee hin qabne irra buʼe. Sanyiin sunis sababii biyyoon sun gad fageenya hin qabaatiniif dafee biqile.
[6] Yommuu aduun baatetti garuu biqiltuun sun ni coollage; waan hidda hin qabaatiniifis ni goge.
[7] Sanyiin biraas qoraattii keessa buʼe; qoraattiin sunis guddatee biqiltuu sana hudhe; biqiltuun sunis ija hin naqanne.
[8] Ammas sanyiin kaan biyyoo gaarii irra buʼe. Ni biqile; ni guddate; ijas ni naqate. Inni tokko soddoma, kaan jaatama, kaan immoo dhibba naqate.”
[9] Yesuusis, “Namni gurra dhagaʼu qabu kam iyyuu haa dhagaʼu” jedhe.
[10] Yeroo inni kophaa turettis warri Kudha Lamaanii fi namoonni naannoo isaa turan biraa waaʼee fakkeenya sanaa isa gaafatan.
[11] Innis akkana jedheen; “Icciitiin mootummaa Waaqaa isiniif kennameera. Warra ala jiranitti garuu wanni hundinuu fakkeenyaan himama;
[12] kunis, “ ‘Isaan akka hin deebinee fi akka dhiifama hin arganneef, arguu inuma argu, garuu hin qalbeeffatan; dhagaʼuus inuma dhagaʼu, garuu hin hubatan.’ ”
[13] Yesuusis akkana isaaniin jedhe; “Isin fakkeenya kana hin hubattanii? Yoos isin akkamitti fakkeenya hunda hubattu ree?
[14] Namichi sanyii facaasu sun dubbicha facaasa.
[15] Namoonni tokko tokko sanyii karaa irraa, lafa dubbichi itti facaafame sana fakkaatu. Akkuma isaan dubbicha dhagaʼaniin Seexanni dhufee dubbicha isaan keessatti facaafame sana fudhata.
[16] Warri kaan akkuma sanyii lafa kattaa irratti facaafamee ti; isaan yommuu dubbicha dhagaʼanitti yommusuma gammachuun fudhatu.
[17] Garuu isaan waan hidda hin qabneef yeroo gabaabaa qofa turu. Yeroo rakkinni yookaan ariʼatamni sababii dubbichaatiif dhufutti isaan dafanii gufatu.
[18] Ammas warri kaan sanyii qoraattii keessatti facaafame fakkaatu; isaanis warra dubbicha dhagaʼanii dha;
[19] garuu yaaddoon addunyaa kanaa, gowwoomsaan qabeenyaatii fi hawwiin waan garaa garaa isaan seenee dubbicha hudhee ija naqachuu dhowwa.
[20] Warri kaanis sanyii biyyoo gaarii irratti facaafame fakkaatu; isaanis dubbicha ni dhagaʼu; ni fudhatu; ijas ni naqatu; inni tokko soddoma, kaan jaatama, kaan immoo dhibba naqata.”
[21] Innis akkana isaaniin jedhe; “Isin ibsaa gombisaa jala yookaan siree jala kaaʼuuf fidduu? Qooda kanaa baattuu isaa irra keessu mitii?
[22] Wanni dhokfame kam iyyuu mulʼifamuuf jiraatii; wanni haguugame kam iyyuus ifatti baafamuuf jiraatii.
[23] Namni kam iyyuu yoo gurra dhagaʼu qabaate haa dhagaʼu.”
[24] Innis itti fufee akkana jedheen; “Waan dhageessan qalbeeffadhaa. Safartuu ittiin safartaniinis, hammas caalaa iyyuu isiniif safarama.
[25] Kan qabu kamiif iyyuu itti dabalamee ni kennama; kan hin qabne garuu wanni inni qabu iyyuu irraa fudhatama.”
[26] Ammas akkana jedhe; “Mootummaan Waaqaa nama lafa isaa irratti sanyii facaasu tokko fakkaata.
[27] Akkamitti akka taʼe namichi beekuu baatu illee, inni rafus yookaan dammaqus, sanyiin sun halkanii guyyaa ni biqila; ni guddatas.
[28] Lafti ofuma isheetiin midhaan baafti; jalqabatti biqila, itti aansee hudhaa midhaanii, ergasii immoo midhaan guutuu baafti.
[29] Namichis akkuma midhaanichi bilchaateen haamuu jalqaba; yeroon haamaa gaʼeeraatii.”
[30] Ammas inni akkana jedhe; “Mootummaan Waaqaa maal fakkaata jechuu dandeenya? Yookaan fakkeenya maaliitiin isa ibsina?
[31] Inni sanyii sanaaficaa kan sanyiiwwan lafa irra jiran hunda irra xinnaa taʼe fakkaata.
[32] Erga facaafamee booddee garuu guddatee biqiltuu hunda caala; dameewwan gurguddaa simbirroonnis gaaddisa isaa jala jiraachuu dandaʼanis qabaata.”
[33] Yesuusis fakkeenyawwan akkanaa baayʼeedhaan hamma isaan dhagaʼuu dandaʼan dubbicha isaanitti dubbate.
[34] Innis fakkeenyaan malee waan tokko illee isaanitti hin dubbanne. Yeroo kophaa turanitti garuu waan hunda barattoota isaatiif ni ibse.
[35] Inni gaafas, yeroo galgalaaʼetti, “Kottaa gama ceenaa” isaaniin jedhe.
[36] Isaanis tuuta namootaa sana achitti dhiisanii Yesuusin akkuma inni bidiruu keessa jirutti fuudhanii deeman. Bidiruuwwan biraas isa wajjin turan.
[37] Bubbeen hamaan tokko ni kaʼe; dambaliinis bidiruu sana dhaʼee bidiruun sun bishaaniin guutamuu gaʼe.
[38] Yesuusis bidiruu sana keessa karaa duubaa boraatii tokko irra rafaa ture. Barattoonnis isa dammaqsanii, “Yaa barsiisaa, dhumuun keenya homaa si hin dhibuu?” jedhaniin.
[39] Innis kaʼee bubbee sana ifate; dambalii sanaanis, “Calʼisi! Gab jedhis!” jedhe. Bubbeen sunis ni calʼise; tasgabbiin guddaanis ni taʼe.
[40] Innis barattoota isaatiin, “Isin maaliif akkana sodaattu? Isin amma iyyuu amantii hin qabdanii?” jedhe.
[41] Isaanis akka malee sodaatanii, “Namichi bubbee fi dambaliin iyyuu ajajamaniif kun eenyu?” jedhanii wal gaafatan.