[1] Kanaaf akkuma ijoollee jaallatamootti fakkeenya Waaqaa duukaa buʼaa;
[2] akkuma Kiristoos nu jaallatee nuufis jedhee akka aarsaa fi qalma urgaaʼuutti Waaqaaf of kenne sana isinis jaalalaan deddeebiʼaa.
[3] Garuu waaʼeen halalummaa yookaan xuraaʼummaa gosa kamii iyyuu yookaan waaʼeen doqnummaa gidduu keessanitti hin dhagaʼamin; wanni akkasii qulqulloota Waaqaa biratti hin barbaachisuutii.
[4] Galateeffachuu malee haasaan qaanii yookaan dubbiin gowwummaa kan faayidaa hin qabne yookaan qoosaan namatti hin tolle isin gidduu hin jiraatin.
[5] Halaleen yookaan xuraaʼaan yookaan sassattuun jechuunis kan Waaqa tolfamaa waaqeffatu mootummaa Kiristoosii fi kan Waaqaa keessaa akka dhaala tokko illee hin qabne beekaa.
[6] Namni tokko iyyuu dubbii faayidaa hin qabneen isin hin gowwoomsin; sababii waan akkanaatiif dheekkamsi Waaqaa warra hin ajajamnetti ni dhufaatii.
[7] Kanaafuu isin waan isaan hojjetan keessatti hin hirmaatinaa.
[8] Isin dur dukkana turtaniitii; amma garuu Gooftaadhaan ifa taataniirtu. Akka ijoollee ifaatti jiraadhaa;
[9] iji ifaa gaarummaa, qajeelummaa fi dhugaa hunda keessatti argamaatii;
[10] waan Gooftaa gammachiisu qoradhaa bira gaʼaa.
[11] Hojii dukkanaa kan ija hin qabne saaxilaa malee irratti hin hirmaatinaa.
[12] Waan isaan icciitiin hojjetan dubbachuun iyyuu qaaniidhaatii.
[13] Wanni ifni sun saaxilu hundinuu garuu ni mulʼata;
[14] kanaafis, “Ati yaa isa raftu, dammaqi; warra duʼan keessaas kaʼi; Kiristoos siif ibsaatii” jedhameera.
[15] Egaa isin akkamitti akka jiraattan jabeessaa of eeggadhaa! Akka ogeeyyiitti jiraadhaa malee akka warra ogeeyyii hin taʼiniitti hin jiraatinaa;
[16] waan guyyoonni kunneen hamoo taʼaniif baricha furaa.
[17] Kanaafuu fedhiin Gooftaa maal akka taʼe hubadhaa malee gowwaa hin taʼinaa.
[18] Daadhii wayiniitiin hin machaaʼinaa; kun jireenya gad dhiisiitti geessaatii. Qooda kanaa Hafuuraan guutamaa;
[19] faarfannaadhaan, weedduu galataatii fi faarfannaa Hafuuraatiin wal jalaa qabaa. Garaa keessan keessatti Gooftaaf faarfadhaatii muuziiqaa dhageessisaa;
[20] yeroo hundas waan hundaaf maqaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosiin Waaqa Abbaa galateeffadhaa.
[21] Sodaa Kiristoosiif qabdaniin waliif ajajamaa.
[22] Yaa niitota, akkuma Gooftaaf ajajamtanitti dhirsoota keessaniif ajajamaa.
[23] Akkuma Kiristoos waldaa kiristaanaatiif mataa taʼe sana dhirsi niitiif mataadhaatii; Kiristoos Fayyisaa waldaa kiristaanaa ti; waldaan kiristaanaa immoo dhagna isaa ti.
[24] Egaa akkuma waldaan kiristaanaa Kiristoosiif ajajamtu, niitonnis waan hundaan dhirsoota isaaniitiif haa ajajaman.
[25] Yaa dhirsoota, akkuma Kiristoos waldaa kiristaanaa jaallatee isheef of kenne sana isinis niitota keessan jaalladhaa;
[26] innis karaa dubbii isaatiin bishaaniin ishee dhiqee qulleessee akka isheen qulqulluu taatuuf,
[27] waldaa kiristaanaa ulfina qabeettii, mudaa yookaan suntuura yookaan waan akkanaa tokko illee hin qabnee garuu qulqullooftuu mudaa hin qabne godhee ofitti ishee dhiʼeessuuf waan kana godhe.
[28] Akkasuma immoo dhirsoonni niitota isaanii akkuma dhagna ofii isaaniitti jaallachuu qabu. Namni niitii ofii jaallatu of jaallata.
[29] Akkuma Kiristoos waldaa kiristaanaatiif godhu sana namni kam iyyuu foon ofii ni soora; ni kunuunsas malee foon ofii hin jibbu;
[30] nu kutaalee dhagna isaatii.
[31] “Sababii kanaaf namni abbaa fi haadha isaa dhiisee niitii isaatti ni maxxana; lamaan isaanii iyyuu foon tokko ni taʼu.”
[32] Kun icciitii guddaa dha; ani garuu waaʼee Kiristoosii fi waaʼee waldaa kiristaanaa dubbadha.
[33] Taʼus isin keessaa tokkoon tokkoon namaa akkuma of jaallatutti niitii ofii haa jaallatu; niitiinis dhirsa ofii haa kabajju.